Manni Maree Federeeshinii walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Manni Maree Federeshinii walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 1ffaa guyya har’aa galma mana marichaatti gaggeessuu eegaleera.

Manni marichaas halleellaa lammiilee nagaarratti raawwatameef yaadannoo sammuu taasisuun walga’ii isaa eegaleera.

Walga’ii isaan gabaasaa raawwii karooraa 2014 koreewwan dhaabbii afuranii fi Yaa’ii Qulqulleessitu Dhimmoota Heeraa Mootummaa, yaadota murtee heeraa mootummaa hiika barbaachisuu fi hinbarbaachifne kan yaa’ichaan dhiyaatan akkasumas, oliyyannoo mana marichaaf dhiyaatanirratti mari’achuun ni raggaasisa jedhamee eegama.

Dabalataanis, manni marichaa labsii lakkoofsa 1261/2013 raawwachiisuuf dambii ba’e, baajataa deeggarsaa fi diriirsa bu’uuraalee misoomaa federaalaa kaayyoo murtaa’aa qabanirratti sirna hordoffii haqa qabeessaa mirkaneessuuf wixinee dambii ba’erratti mari’atee akka raggaasisu ragaan mana marichaarraa argamee ni mul’isa.

Manni marichaa walga’ii isaa kanaan muudamoota garaagaraa akka raggaasisus eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment