Manni Maree Federeeshinii magaalaa Buttaajiraatti tajaajila tola Ooltummaa Gannaa eegalchiise

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii Naannoo Giddu Galeessa Itiyoophiyaa Godina Guraagee magaalaa Buttaajiraatti tajaajila tola Ooltummaa Gannaa eegalchiiseera.

Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagarii fi Pireezidaantiin Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasew fi hoggantoonni biroon bakkichatti argamuun tajaajilicha eegalchiisaniiru.

Sagantichaan hojiin dhaabbii Biqiltuu fi Haaromsi manneen harka qalleeyyii kan raawwatamuu fi barattoota 300’f deeggarsi meeshaaleen barnootaa ni taasiifama jedhame.

Manni marichaa yeroo 4ffaaf tajaajila tola ooltummaan gaggeessuu isaati jedhame.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment