Manni Maree Federeeshinii jaarsolii biyyaa sabaa fi sablammootaarra walitti babba’aan waliin mari’achaa jira

Finfinne Onkololeessa 29, 2013 (FBC)- Manni Maree Federeeshinii jaarsolii biyyaa sabaa fi sablammootaarra walitti babba’aan waliin mari’achaa jira.

Waltajjiin marichaa guyyaa saboota, sablammootaa fi uummattoota Ityoophiyaa ilaalchisuun waltajjiiwwan qophaa’aa jiran keessaa isa tokko dha.

Maricha irratti Af Yaa’iin Mana Maree Federeshinii Adam Faaraan, heera mootummaa fi sabootaa fi sablammota hunda kan bakk bu’u murtoo mana maree fedareeshinii bira darbuudhaan gochoota seeraan alaa fi badii gareen ABUT raawwataa turee hirmaattoota marichaaf ibsaniiru.

Filannoo biyyaalessaa 6ffaa guyyaa qabameefitti akka hin raawwanneef weerarri vaayrasii Koroonaa danqaa ta’uu isaa fi adeemsa heera mootummaan eeyyamuun mari’achuun guyyaan filannoo akka dheeratu ta’uu isaa dubbatan.

ABUT garuu faallaa heera mootummaa dhaabbachuudhaan filannoo heera mootummaan waldhiitu taasisuudhaan kaabinee seeraan alaa hundeesseera jedhaniiru.

Manni Marichaas filannoon kun seera qabeessa waan hin taaneef filannoon akka hin taasifamnetti fudhatama jechuun murtoo dabarse.

Gareen kun harka isaa dheereffachuun biyyatti keessatti ajjechaan akka heddummatuu fi jeequmsi akka ka’uudhaaf kallattii fi al kallattiidhaan hojjechaa tureera.

Kun osoo isa hin ga’iin mallattoo tokkummaa Ityoophiyaa kan ta’e fi waggaa 20 guutuuf ummata Tigraay diinarraa eegaa kan turan miseensoota raayyaa ittisa biyyaa irratti tarkaanfii gaddisiisaa ta’e irratti fudhateeraa jedhan.

Kanarraa ka’uudhaan tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru akkuma jirutti ta’ee, manni maree fedareeshinii mootummaan fedaralaa, mootummaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti akka hudeessuuf murteesseeraa jedhan.

Bizu’aaleem Beenyaatu gabaase

Comments (0)
Add Comment