Manni Maree Federeeshinii Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC)- Manni Maree Federeeshinii Irreecha ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Afyaa’iin Mana Marichaa Obbo Agaanyahu Tashaagar ergaa dabarsaniin, Irreechi ummanni oromo bacaqiin Gannaa darbuu hordofee baraa-baratti, dukkaana keessaa ifattii nagaan ce’uuf kan waaqaa galateeffatu ta’uu ibsan.

Irreechi duudhaa Sirna Gadaa keessa tokko ta’uu eeruun, sababa lagni guuteen firoottaanii fi maati walirraa fagaatee turee yeroo itti walargu ta’uun ayyaana Waaqa kanaan ga’eef kan itti galateeffataniidha jedhaniiru.

Ayyaanichi koorniyaan, amantaan, utuu hindaangeffamiin gammaachuun, jaalaala fi waloomaan sabaa fi sablammoota obboloota biroo waliin ayyaanaa walitti dhufee kabaju ta’uus dubbataniiru.

Dhalli namaa walitti bu’iinsa jiru araara buusuun, garaagarummaa qaban dhiphisuun, waldanda’uun kan Waaqa isaanii itti galateeffatanii ta’uun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Irreecharraa kan barannus rakkoolee fi waldhabdee mudatan miira obbolummaan dhabamsiisuun murteessa ta’uudha jedhan.

Kanaafis kan addaan nu baasan caalaa, duudhaalee walitti nu dhiyeessan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu kan gaafatu ta’uu himaniiru.

Imala badhaadhinaa eegalames galmaan ga’uuf, guddina hawaasummaa, diinagdee saffisiisuuf duudhaalee gaarii jiranirratti bu’uureffachuun, tokkummaan dhaabbachuu barbaachisaa jedhaniiru.

Obbo Aganyahu dabalataan, walkabajaan, waltumsaa fi mariin guddina gama maraa biyyattiif gahee keenyaa bahachuuf qophaa’uun murteessa ta’uu ergaa isaaniin dhaamaniiru.

Ayyaanni Irreechaas kan nagaa, jaalalaa, tokkummaa fi waloomaa akka ta’uu hawwaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment