Manni Maree diinagdee walabaa biyyaalessaa hundaa’e

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Manni Maree diinagdee walabaa biyyaalessaa Ityoophiyaa hundaa’uu ibsame.
Mootummaan sagantaa fooyya’iinsaa milkeessuu fi guddina diinagdee itti fufiinsaan mirkaneessuuf gorsa hayyootaa fi ogeeyyii dhaga’uun fi duubdeebii fudhachuun faayidaa qabeessa ta’uu hubachuu isaa ibsameera.
Hayyootaa fi ogeeyyii walaba ta’an irraa yaada fudhachuun imaammata hammataa dabluurra darbee dhimmoota hin ilaallamne ilaaluuf, hiyyummaa walxaxaa biyyattiin keessa jirtuu fi rakkoo hawaasummaa biroo hubachuun imaammata bu’aa qabeessa ta’e ida’uuf ni gargaara jedhame.
Fedhii isaanirratti hundaa’uun hayyoonni armaan gaditti maqaan isaanii eerrame yeroo jalqabaaf miseensota Mana Maree diinagdee walabaa biyyaalessaa Ityoophiyaa ta’uun filatamaniiru.
Haaluma kanaa:-
1. Proofeesar Alamaayyoohu Gadaa
2. Proofeesar Birihaanu Abagaaz
3. Proofeesar Gabbisaa Ejjetaa
4. Proofeesar Malaakuu Dassitaa
5. Proofeesar Sa’id Hasan
6. Dooktar Taaddalee Faradaa
7. Proofeesar Xaasow Walda Haannaa
8. Dooktar Alamaayyoohu Siyyuum
9. Dooktar Aluulaa Paankriist
10. Dooktar Diimaa Nagawoo
11. Dooktar Ileenii Gabra Madhiin
12. Profeesar Lammaa Walda Sanbata
13. Dooktar Raahel Kaasahuun
14. Dooktar Saganat Qalamuu
15. Dooktar Yoonas Birruu
16. obbo Hilaawwii Taaddasaa ta’uu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraa irraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment