Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Tigraayiif deeggarsa Birri miiliyoona 67.2 taasise

Finfinnee, Amajjii 30, 2016(FBC)–Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Itiyoophiyaa Naannoo Tigraayiif deeggarsa Birrii miiliyoona 67.2 taasiseera.

Jilli Pireezidaantii Mana Marichaa Sheek Hajji Ibraahiim Tufaan durfamu, Magaalaa Maqaleetti argamuun deeggarsicha taasiseera.

Haaluma kanaan waraanaa naannichatti gaggeeffamaa ture hordofee lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’anii fi hongeef saaxilamaniif kan oolu deeggarsa Birrii miiliyoona 67.2 taasisuun eerameera.

Deeggarsichi dhaabbilee deegartootaa fi namoota dhunfaarraa kan walitti qabame yoo ta’u, maallaqa callaa dabalatee nyaataa, qorichootaa fi meeshaalee garaagaraa ta’uun ibsameera.

Deeggarsicha kan fudhan Pireezidaantiin Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan, deeggarsa taasifameef galateeffatanii kunis hariiroo obbolummaa kan cimsu ta’uun eerameera.

Gama biraatiin, mata duree “Imala nageenyaa waloomaaf”  jedhuun koonfiraansiin nageenyaa Maqaleetti gaggeeffamaa jiru araaraa fi nageenyaan walooma cimsuun hojiilee adda duree dhabbilee amantaaleerraa eegamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment