Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Manni Maree Ce’umsa Qonnaa Oromiyaa hundaa’uu ibsameera.
Manni Marichaa bakka Sadarkaa Ittaanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaasteraa Misooma Baadiyyaa Oromiyaa, Obbo Abdurramaan Abdallaa,Hoggantoonni Mootummaa Fedeeraalaa fi Naannoo, preezdaantoonni Yuunvarsiitiiwwanii fi qaamolee dhimmi ilaallatu argamanitti hundeeffameera.
Kaayyoon mana marichaa, qonna beekumsaa fi qorannoon deeggaruun ceesisuuf ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu ibsaniiru.
Naannoon Oromiyaa hojii Misooma qonnaa deeggaruuf Manni Maree fi Seekireetariyaatiin Ce’umsa Qonnaa Oromiyaa Dambii Lakk.227/2014’n akka hundaa’u taasifamuu Sadarkaa Ittaanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaasteraa Misooma Baadiyyaa Oromiyaa fi Walitti qabaan mana marichaa Obbo Abdurramaan Abdallaa himaniiru.
Ce’umsa jijjiirrama seektera qonnaa keessatti yaadame saffisiisuuf, hojii mana mariichaa galmaan gahuuf, naannicha haala ikooloojii fi gosa oomishaan akkasumas haala teessuma lafaa irratti hundaa’uun, Kilaastaroota garaagaraa bakka torbatti qooduun Mana Maree Ce’umsa Qonnaa Naannoo Oromiyaa jalatti kan gurmaa’an ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.