Manni maree bulchiinsa naannoo Kibbaa murteewwan dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Manni maree bulchiinsa naannoo Kibbaa ajandaalee addaddaarratti viidiyoo koonfaransiidhan mari’achuudhan murteewwan dabarse.
 
Walga’ii idilee gaggeeffameen dhimmoota invastimantii; qonnaa, indaastirii, tajaajilaatin dhiyaatanirratti mari’atee murteewwan dabarseera.
 
Invastimantii magaalaatti ramaddii lafaarrattis mari’ateera.
 
Invastimantii baadiyyaa fi lafa abbootii qabeenyatiif dabarsuurrattis mari’atee kallattiiwwan furmaataa kaa’era.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment