Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa yaa’ii idilee gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsaa Magaalaa Dirree Dawaa yaa’ii idilee 3ffaa, bara hojii 3ffaa waggaa 1ffaa guyyaa har’aa gaggeessuu eegaleera.

Manni marichaas, har’aa fi boruu kan gaggeeffamu yoo ta’u, ajandaalee garaagaraarratti mari’chuun ni raaggasisaan eegama.

Mana marichaarratti, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadiir Jawaar gabaasaa dhiyeessaniin bara 2014 galii Birrii biiliyoona 2.3 walitti qabuuf karoorfamee keessaa Birrii biiliyoona 2.1 ol walitti qabuu kan ibsan.

Raawwiin kun kan bara 2013’n yoo wal bira qabamu %42 caalmaa akka qabu ibsaaniiru.

Gama carraa hojii uumuutiin bara 2014’tti namoota kuma 17 oliif carraa hojii uumuuf karoorfamee namoota kuma 12 oliif carraan hojii akka uumaames himaaniiru.

Pirojektoota misoomaa hojjatamaa turan 172 keessaa pirojektoonni 109 xumuramuun tajaajila kennuu eegalaniiru jedhan.

Raawwiin Pirojektootaa %68 akka tahee dubbataniiru.

Yaasin Shamsudiintu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment