Manni Maree Bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa Yaa’ii idilee gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa Yaa’ii idilee 8ffaa, bara hojii 3ffaa, waggaa 3ffaa gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’uu gabaasa raawwii hojii bara 2016 fi karoora bara 2017 irratti ni mari’ata jedhame.

Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Gabaasa Raawwii hojii kan dhaabbilee dhiheessaniiru.

Gabaasaa fi karoora dhiyaatu akkasumas, mudamoota adda addaa dhiyaataanirratti erga mari’atee booda ni raggaasiisaan kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment