Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa baajata 2015 Birrii biiliyoona 5.1 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Dheengadda yaa’ii idilee 3ffaa gaggeessuu kan jalqabe Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa wixinee baajata bara 2015 dhiyaate Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona 138 raggasiseera.

Yaa’iin idilee manna marichaa xumurameera.

Baajatni ragga’e kan bara darbeen yoo walbira qabamu Birrii miiliyoona 907 yookaan 521 caalmaa qaba jedhameera.

Baajataa idilee keessaa Birri biiliyoonaa 2.4 bu’uuraalee misoomaa hawaasaa fi gaaffilee bulchiinsa gaarii furuuf kaappitaalaa pirojektootaaf kan ramadameedha.

Baajata qabame keessaa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 936 deeggarsa federaalaa yoo ta’u, Birrini miiliyoonni 561.1 ammoo dhaabbilee misoomaarraa bulchiinsaa magaalichaaf kan dhiyaate ta’uun eerameera.

Manni marichaa Chaartara Bulchiinsa Dirree Dawaa fooyyessuuf wixinee labsii ba’eerratti mari’ateera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment