Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaada hawaasicha dhaggeeffachuuf qophiidha – Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaada hawaasicha dhaggeeffachuuf qophii ta’uu Af-Yaa’iin Mana Marichaa Obbo Taaggasaa Caafoon himaniiru.

Labsii Hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa irratti Waldaalee Siivikii fi hawaasa waliin mari’atameera ,raawwii marii kanaas gamaaggamameera.

Obbo Taaggasaan Labsii kana irratti ifatti mariin gaggeeffamuun hawaasa biratti fudhatama akka qabaatuufii walii galteen biyyaalessaa akka uumamuuf gaheen isaa guddaadha jedhaniiru.

Ministirri Itti waamamaa olaanaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee gama isaaniitiin mariin biyyaalessaa aadaa siyaasa biyyatti jijjiiruun rakkoo siyaasaa yeroo dheeraaf ture hiikuu danda’a jedhaniiru.

Mariin Wixineen labsii kanaa Muuxannoo biyyoota alaa qindeessuun rakkoolee hedduu biyyattii gangalachaa dhufe akka hiikuuf lammiin hunduu tumsuu qabas jedhameera.

Itti Aantuun Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoo gama isaaniin, Mariin qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachisuun taasifame galtee gaarii argachuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Mariin hawaasa hirmaachise dabalataan osoo gaggeeffamee faayidaan isaa olaanaadha jedhaniiru.

Mariin Uummataa marsaa 2ffaan Muddee 16 akka gaggeeffamu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment