Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 8ffaa bara hojii 6ffaa har’a ni gaggeessa

Finfinnee ,Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 8ffaa bara hojii 6ffaa mana maree 5ffaa har’a ni gaggeessa jedhame.

Waltajjii kanaan dhimmoota ajjeechaa Beenishaanguul Guumuz godina Matakkalii  fi kutaalee biyyattii garaaraatti raawwate ilaalchisee gabaasa dhiyaaturratti mari’achuun yaada murtee ni raggaasaa jedhame.

Gabaasa fi yaada murtoo wixinee labsii bulchiinsa abbootii seeraa murteessuuf Koreen dhaabbii dhimmoota Diimookraasii, Seeraa fi Haqaa dhiyeesse qorachuun labsichi ni raggaasiisa jedhamee eeggamma.

Akkasumas wixinee labsii mana murtii federaalaa ilaalchisee gabaasaa fi yaada murtoo korichi dhiyeesse qorachuun koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf ni qajeelcha jedhameera.

Wixinee labsii Ityoophiyaa fi Ugaandaa gidduutti namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii laachuuf fi dhimmoota yakkarratti tumsa haqaa waloof  waliigaltee dhiyeeta qorachuun koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf akka qajeelchuus ragaan mana marichaarraa argame ni muul’isa.

Dabalataan Ityoophiyaa fi waldaalee misoomaa idil addunyaa gidduutti sagantaa misoomaa seeftineetii raawwachiisuuf waliigaltee liqaa maallaqaa dhiyaate qorachuun koree dhaabbiif ni qajeelcha jedhameera.

Labsii Filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi namuusa filannoo lakkoofsa 1162/2011 yeroof fooyyeessuuf ba’e qorachuun koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf kan qajeelchu ta’uus ibsameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment