Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa mirga himatamuu dhabuu Dooktar Caalaa Waataa kaase

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii Idilee 13ffaa har’a gaggeesseen mirga himatamuu dhabuu miseensa mana marichaa Dooktar Caalaa Waataa kaaseera.

Manni marichaa gaaffii Ministeerri Haqaa dhiyeesse bu’uura taasiisuun Miseensa Mana marichaa fi Pireezidaantii Yuunivarsiitii Bulee Horaa kan turan Mirga himatamuu dhabuu Dooktar Caalaa Waataa kaaseera.

Dooktar Caalaa wayita Pireezidaantii Yuunivarsiitii Bulee Horaa turan adeemsa seera bittaan ala bittaa raawwataniiru jechuun yakka malaammaltummaan shakkamuu isaanii hordofee mirgi himatamuu dhabuu isaanii ka’eera jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment