Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haleellaa lammiilee nagaarratti raawwatameef gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haleellaa guyyaa kaleessaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisootti lammiilee nagaarratti raawwatameef gadda itti dhaga’ame ibse.
 
Manni marichaa ibsa Fuula Feesbuukii isaan laateen yakkoonni suukkaneessaan akka kanaa irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu eereera.
 
Qaamolee haleellaa suukkaneessaa lammiilee nagaarratti raawwatan kanneen irratti mootummaan tarkaanfii madaallawaa ta’ee akka fudhatu yaadachiiseera.
 
Ummannis mootummaa cinaa dhaabbachuu akka qabu manni marichaa waamicha dhiyeesseera.
 
Manni maricha nageenya fi tasgabbii ummataa eegisiisuuf murannoon kan hojjetu ta’uu beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
Comments (0)
Add Comment