Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa booru walga’ii idilee ni gaggeessa

Finfinnee, Muddee 29, 2012(FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee mana marichaa guyyaa booru akka gaggeessu beeksiseera.
 
Manni marichaa walga’ii idilee booru gaggeessuun wixinee labsii bulchiinsa fi too’annoo meeshaalee waraanaa ni raggaasisa jedhamee eggama.
 
Wixineen labsii kun ragga’uun isaa qaamoolee meeshaalee waraanaa seeraan alaa daddabarsan irratti murtee ulfaataa dabarsuuf ni gargaara jedhameera.
 
Daddabarsi meeshaalee waraanaa biyyattii keessatti babal’aachaa kan dhufe yoo ta’u, seerri kana dura ture murtee barsiisaa ta’e dabarsuuf rakkisaa waan ta’eef Abbaan Alangaa Waliigalaa wixinee labsii haaraa qopheessuuf dirqamee jira jedhameera.
 
Dabalataan manni marichaa wixinee labsii bulchiinsa abbaa seerummaa federaalaa fi mana murtii federaalaa qorachuun koree dhaabbii dhimmichi ilaaluuf ni dabarsa jedhamee eeggama.
Comments (0)
Add Comment