Manneen maree lamaan yaa’ii baniinsaa gaggeessan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Manni Maree Federeeshinii yaa’ii baniinsaa bara hojii 6ffaa marsaa 5ffaa isaanii gaggeessan.
 
Yaa’icharratti preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee haasaa baniinsaa taasisaniiru.
 
Manneen maree lamaan yaa’icha har’a waaree booda galma walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti taa’aniiru.
 
Abbootiin amantaa, hoggansi siyaasaa, namoonni beekamoo fi ambaasaaddaroonni, bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa addaddaa magaalaa Finfinnee keessa jiranii argamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment