Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii 5ffaa bara hojii 6ffaa walga’ii addaa 1ffaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii 5ffaa bara hojii 6ffaa walga’ii addaa 1ffaa gaggeesse.

Manni marichaa galma walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeesse.

Walga’icharratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad  argamaniiru.

Manni Marichaa qaboo yaa’ii bara hojii 6ffaa walga’ii addaa 1ffaa qorachuun sagalee guutuun ragga’eera.

Haasaa baniinsaa Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee maana maree lamaaniif taasisaan ka’umsa godhachuun miseensoota mana maree irraa muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif gaaffiiwwan garagaraa dhiyaateera.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gaaffiiwwan garagaraa miseensoota mana marichaarra dhiyaateef deebii laachaa jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment