Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI guyyaa har’aa walga’ii idileesa gaggeesseera

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2012 (FBC) –  Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI guyyaa har’aa walga’ii idileesa gaggeesseera.

 

Manni maricha walga’ii isaan bara baajata 2013tti wixinee baajataa mootummaa federaala irratti mari’ateera.

 

Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad  walga’icharratti argamuun wixinee baajatichaa fi dhimma waqtawaa irratti ibsa laataniiru.

 

Bara baajata 2013tti wixinee baajataa mootummaa federaala Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 76 fi miiliyoona 12 fi kuma 900 fi kuma 52 fi 445 akka ta’u murtaa’uun isaa ni yaadatama.

 

Kanaanis, bara baajata 2013 hojiiwwan hojjetamuu fi tajaajilaaf kan barbaachisu baasiwwan idilee mootummaa federaalaaf Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 33 fi miiliyoona 300 fi miiliyoona 21 fi kuma 500 fi kuma 61.

 

Baasiwwan kaappitaalaaf Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 fi miiliyoona 300 fi miiliyoona 29 fi kuma 700 fi kuma 88.

 

Deeggarsa naannooleef kennamu Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 76 fi miiliyoona 300 fi miiliyoona 61 fi kuma 600 fi kuma 2, galteewwan misooma raawwachiisuuf Birrii biiliyoona 6 qabameera.

 

Manni marichaa baajata 2013 irratti erga mari’atee booddee sagalee guutuun ragga’eera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment