Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI booru walga’ii idilee 13ffaa bara hojii 5ffaasaa ni gaggeessa

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI booru walga’ii idilee 13ffaa bara hojii 5ffaasaa ni gaggeessa.
 
Walga’ichaanis murteewwan addaddaa ni dabarsaan eegama.
 
Baajata dabalataa federaalaa 2012 fi wixinee labsii fooyyessa uwwisa baasii qorachuudhan koree dhaabbii dhimmi ilaaluf ni dabarsaan eegama.
 
Liqaa mootummaan FDRI fi Saawdii Arabiyaa dhiyeessii bishaan dhugaatii biyyoolessaa fi saaniteeshiniirratti waliigaltee waliif mallatteessan qorachuudhan koree dhaabbidhaaf ni dabarsa.
 
Waliigaltee mootummaa FDRI fi Baankii Ekispoort – Iimpoort Kooriyaa, Fandii Misoomaa Saawdiirrattis mari’achuudhan koree dhaabbii dhimmi ilaaluf ni dabarsa.
 
Wixinee labsii alaabaa, faaruu fi guyyaa Gamtaa Afrikaarratti, irra deddeebii oodiitii keessoo hambisuu fi dhimmoota biroorratti mari’achuudhan koree dhaabbidhaaf ni dabarsa.
Comments (0)
Add Comment