Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa jijjiirra baraa 2017 ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarse.

Manni marichaa ergaa isaan, baroota hojii dabarseen bu’aalee gaarii galmeessee fi muuxannoowwan gaggaarii itti fufsiisuun bara 2017tti, gaaffileen, misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa daran deebii akka argatan, sadarkaan jireenya lammiilee akka fooyya’u, walooma ummattootaa fi nageenyi waaraa, tokkummaa fi birmadummaan biyyaa akka cimuuf ergama heeraa mootummaa isaa kutannoon kan bahatu ta’uu ibseera.

Garaagarummaa keessoo kamuu aadaa siyaasaa qaroomaa ta’een mariin ce’uuf marii biyyaalessaa eegalame milkeessuuf bu’aalee abdii qabeeyyiin galmaa’aa jiraachuu himeera.

Adeemsi hojiirra oolmaa marii biyyaalessaa akka milkaa’uuf manni marichaa deeggarsaa fi hordoffi komishinichaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu eereera.

Walooma ummataa, tokkummaa fi birmadummaa biyyaa kan qoran, seenessiiwwan qoqqoodoorratti ciminaan qabsaa’uun, milka’ina marii biyyaalessaaf hunduu gahee gama isaa akka bahatu waamicha taasiseera.

Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyophiyaa nageeyaa, misoomaa, faayidaa fi kabaja biyyaalessaaf tokkummaan akka dhaabbatan dhaameera.

Bara moofaa dabarsinee, bara haaraa 2017 wayita simannu, jibbaa fi haaloo dhisnee, jaalalaa fi dhiifamaan, waloomaa fi waldanda’uuf of qopheessinee, akka dhuunfaatti, akka hawaasaatti, akka biyyaatti jijjiiramaa fi badhaadhina mirkaneessuuf abdii fi qophii olaanaan ta’uu akka qabuu akeekeera.

Ayyaana jijjiirraa bara haaraa wayita kabajnu, harka qalleeyyii fi lammiilee qabata hinqabne kanneen harkaa nu eegan yaadachuu fi deeggaruun miira waloomaan ta’uu akka qabu ibsuun, barri 2017, kan nagaa, fayya, waloomaa, badhaadhinaa akka ta’uu hawweera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment