Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Manni Maree Naannoo Uummattoota Kibbaa yaa’ii idilee 3ffaa Mana Maree 6ffaa bara hojii 2ffaa gaggeessaa ture muudama garaagaraa raggaasisuun xumureera.
Manni marichaa yaa’ii guyyoota lamaaf gaggeessaa tureen hojiilee baatiiwwan jahan darbanitti hojjetamaniifi dhimmoota gara fuulduraarratti mari’ateera.
Dabalataanis manni marichaa muudama garaagaraa kan raggaasise yoo ta’u, obbo Yiglaxuu Abzaa Hogganaa Biiroo Galiiwwaniifi obbo Zarihuun Isheetuu Hogganaa Biiroo Ispoortiifi Dargaggoo naannichaa ta’uun muudamaniiru.
Birhaanuu Bagaashaawutu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.