Manni Kitaabaa Abrihoot fayyadamtootaan jaallatamaa dhufuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Manni Kitaabaa Abrihoot fayyadamtootaan jaallatamaa dhufuu ibsameera.

Bu’uuraaleen misoomaa mana kitaabichaa miidhagoo, ammayyaa’oo fi mijatoo ta’uusaaniirraan kan ka’e fayyadamtoota biratti jaallatamummaan isaa dabalaa dhufuu ibsameera.

Dabalataanis manni kitaabichaa dhiyeenya Paarkii Tokkummaa, Paarkii Michummaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo dabalatee dhaabilee garaagaraatti argamuun isaa guyyaatti namoonni hedduun akka isa daawwatan dandeessisuu eerameera.

Yeroo ammaa mana kitaabichaatti ogeeyyiin dhaabbilee barnoota olaanoo waraqaa qorannoo garaagaraa hojjetan, barattoonni dhaabbilee olaanoo fi sadarkaa 2ffaa, daa’imman maatiisaanii waliinii fi jiraattonni magaalichaa hedduun daawwachaa fi tajaajila argachaa jiraachuu addeeffameera.

Namoonni 1000 ol guyya guyyaan mana kitaabichaa daawwachaa jiraachuu ragaan Yuunvarsiitii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Manni kitaabichaa yeroo tokkotti namoota hanga 2500 keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u, tajaajila E-library dabalatee kitaabota garaagaraa miiliyoona 1.4 of keessaa kan qabudha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment