Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC)- Qajeelchi olaanaa maandiisummaa raayyaa ittisa biyyaa Laga Dhaadhiitti mana jireenyaa eegdoota rippaabiliikaan baasii Birrii miiliyoona 18.5 oliin ijaarsisee eebbisiseera.
Ajaja olaanaan humna eegdoota rippaabiliikaanii Meejar Jeneraal Birhaanuu Baqqalaa akka himanitti, manneen jireenyaa ijaarraman hanqina manneenni raayyaa ittisaa kan furaniidha jedhaniiru.
Bakka bu’aan hogganaa Qajeelcha olaanaa maandiisummaa raayyaa ittisa biyyaa Birgaadeer Jeneral Darajjee Magarsaa gama isaaniitin, jalqabuu qofa osoo hin taanee xumuruu aadaa taasifannee ijaarsa manneenii kunneen yeroo qabameefitti xumuruun dabarsineerra jedhan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.