Manni Barumsaa Teeknika Loltummaa Awaash Damee Meekaanaayizdiin ogeeyyii leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Manni Barumsaa Teeknika Loltummaa Awaash Damee Meekaanaayizdiin ogeeyyii leenjii Ogummaa Konkolaachisummaa salphaa fi cimaan leenjisaa ture eebbisiiseera.
Sagantaa eebbichaarratti itt aanaa Ajajaan Humna Lafarraa Waliigalaa Meejar Jeneraal Indaalkaachoow Waldakidaan dabalatee hoggantoonni waraanaa olaanoon biroo fi hoggansi naannichaa argamaniiru jedhame.
Sirna eebbichaarratti leenjitoonni agarsiisa Meekaanaayizdii waraanaa garaagaraa agarsiisuu ibsameera.
Manni Barumsaa Leenjii Teeknika Ogummaa waraanaa Awaash dhaabbata leenjii Meekaanaayizdii waraanaa akka biyyatti jiru qofaa isaa ta’uu ibsameera.
Afrikaa Bahaatti giddu gala leenjii filatamaa fi adda duree ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment