Manni Barumsaa Shaallaa Biilaa Sadarkaa 2ffaa Birrii miiliyoona 67.8’n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti Manni Barumsaa Shaallaa Biilaa Sadarkaa 2ffaa Birrii miiliyoona 67.8’n ijaarame eebbifame.

Jilli Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisootiin durfamu Mana barumsaa kana eebbisiiseera.

Manni barumsichaa deeggarsa Dhaabbata Siiviilii Noorweey ‘ADRA’ jedhamurraa argame Birrii miiliyoona 67.8’n ijaaramuu ibsameera.

Naannoo Oromiyaatti qulqullinna barnootaa dabaluun lammii ga’uumsa qabu horachuuf babal’ina Manneen Barnootaa sadarkaa isaa eeggateefi nyaata barattootaa dhiyeessurratti hojjetamaa jiraachuu Dooktar Tolaan sirna eebba mana barumsichaarratti ibsaniiru.

Daarektarri Olaanaan Dhaabbilee Siiviilii Ityoophiyaa Obbo Jimaa Dilboo,Manni barumsaa Shaallaa Biilaa Sadarkaa 2ffaa,meeshaalee barnootaa fi laabraatoorii gahaa akka qabaatuuf dhaabbilee siiviilii garaagaraa waliin ni hojjenna jedhaniiru.

Bulchaan Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Haajii gamasaaniin,naannoon Mana Barumsa kanaa gammoojjii waan ta’eef,barattoota naannawaa kanaatiif nyaata barattootaa dhiyeessuun hawaasni kan deeggaramu ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment