Manni barumsaa Samaraatti ijaarre siidaa yaadannoo dhaloota beekumsaan gahoomsuuf qabnuuti-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee Hagayya 28, 2015 (FBC)- Manni barumsaa wanuma qabnurraa hir’isuun Samaraatti Ijoollee Afaariif ijaarre, siidaa yaadannoo murannoo dhaloota beekumsaan gahoomsuu irratti qabnuu ta’ee kan dhaabbatuudha jedhan Pireezidaantiin naanno Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsaniitti, “Har’aa Uummata Affaar gidduutti argamee, Mana Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Samaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Ijaaramee ummata Affaariif dabarfame eebbisuu fi qaama sagantaa kanaa ta’uu kootti gammachuu daangaa hin qabnetu natti dhagahama.”

Manni Baruumsaa kun kennaa Obbolummaa Ummanni Oromoo Ummata Obbolaa Affaariif kennedha”

Ummanni Afaar Uummata seenaa boonsaafi dheeraa qabu, Ummata Lafti isaa eenyummaa keenya qofa osoo hin taane, mallattoo argama dhala namaa ta’eedha jedhaniiru.

Sirna eebba Mana Barnootaa, kennaa Obbolummaa ta’eefi, mana Barnootaa Tokkummaa obbolummaa itti baratamuu fi dagaagu kana irratti argamuun miira adda kan nama keessatti uumuudha kan jedhan Pireezidaanti Shimallis, manni barumsaa wanuma qabnurraa hir’isuun Samaraatti Ijoollee Afaariif ijaarre kunis, siidaa yaadannoo murannoo dhaloota beekumsaan gahoomsuu irratti qabnuu ta’ee kan dhaabbatuu ta’uu himan.

Barri kun bara wal dorgommii qofa osoo hin taane, bara wal deeggaruu fi wal tumsuu ta’uu hubannee, jijjiiramaafi badhaadhina waloo ummata biyya keenyaa keessatti gahee nurraa eegamu bahachuuf hojjechaa jiraachuu duabbataniiru.

Ijaarsi mana Barumsaa Samaraa har’a eebbifamees ta’ee, kan kana duraan naannolee ollaatti ijaaruun ummataaf dabarsinee fi ammas ijaaraa jirru, qaama hojiilee mootummaan naannichaa tokkummaafi obbolummaa sabootaa cimsuu fi dagaagsuuf gama misoomaafi hawaasummaatiiin hojjechaa jiruuti jedhaniiru.

Haaluma kanaan, barnoota dabalatee, hojii misoomaa fi hawaasummaa hariiroo ummataa cimsuu danda’an, naannolee hunda waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsanii, manni Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Samaraa Mana Barumsaa Obboleewwanii kan Barnoonni Tokkummaa fi waloo ummataa itti dagaagu akka ta’uu shakki kan hinqabne ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment