Manni Barumsaa sadarkaa 2ffaa Dubtii Waajjira Giiftii Dureen ijaarame har’aa eebbifame

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) -Naannoo Afaar Godina  Awusii Rasuu aanaa Dubtiitti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Dubtii Waajjira Giiftii Dureen ijaarame guyyaa har’aa eebbifameera.
Sirna eebbichaarratti Giiftii Duree aadde Zinnaash Taayyachaw, Preezdaantiin Mootummaa naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa, Jaarsooliin biyyaa fi barattoonni argamaniiru.
Manni barumsichaa baasii Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 8 kan ijaarame yoo ta’u gamoo bulchiinsaa, kutaalee barnootaa, kutaa yaalii, mana kitaabaa fi galma walgahii fi gamoowwaan hojii biroof olaan of keessatti hammateera.
Manni barumsaa kun barattoota kuma 1 fi 800 simachuu danda’a jedhame.
Manni barumsaa kun manneen Barumsaa Waajjira Giiftii Dureen ijaarramuu eebbifaman 13ffaa ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment