Manni Barumsaa Ifaa Boruu sadarkaa 2ffaa Diimaa Sabbataa fi Nageellee Arsii eebbifame

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Sabbataatti Manni barumsaa Ifaa Boruu Diimaa Sadarkaa 2ffaan bakka preezdaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti ni eebbifama.

Manni barumsichaa lafa Bal’ina heektaara 12 irratti kan ijaarame yoo ta’u, gamoo kutaalee barnootaa,kutaa Kompiiyuutaraa,kutaa dubbisaa,kutaa laaboraatoorii fi kutaa yaalii kan of keessaa kan qabu, gamoo abba darbii lamaa ta’uu ibsameera.

Manni barumsaa Ifaa Boruu Diimaa Sadarkaa 2ffaan Birrii miiliyoona 34.8 oliin ijaarramuu himameera.

Oduma walfaatuun manni barumsaa ifaa boruu sadarkaa 2ffaa Godina Arsii Lixaa Aanaaa Nageellee Arsii eebbifameera.

Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantii qindeessaa Kilaastera misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaaa Nageellee Arsiitti proojeektii Mana barumsa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu birrii miliiyoona 36 ijaarame eebifamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeshinii magaalaa Sabbataa fi Nageellee Arsiirraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment