Manni barumsaa idil addunyaa hawaasa Ityoophiya Dohaa eebbifame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Manni barumsaa idil addunyaa hawaasa Ityoophiya Dohaa eebbifame.

Manni barumsaa idil addunyaa hawaasa Ityoophiya Dohaa guyyaa har’aa eebbifameera.

Manni barumsichaa Ministirri Barnootaa fi Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo Kuwaatar Dooktar Mahaammad Bin Abdalwaahid Al Haamadii fi Kuwaataritti ambaasadara Ityoophiya Saamiyaa Zakkariyaa fi hoggantoonni hojii biroon bakka argamnitti eebbifameera.

Ambaasadar Saamiyaa Zakkariyaa sirna eebbaa kanarratti haasaa taasisaniin mana barumsicha hundeessuuf deeggarsa kan taasisaan waajjiraa mootumaa fi miti mootummaa Kuwaatar akkasumas miseensoota koree galateeffataniiru.

Manni barumsaa kun olmaa daa’immanii hanga sadarkaa lammaffattii sirna baruu fi barsiisuuf ga’umsa akka qabu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment