Manni barnootaa dhaabbata dhalootaa biyya dhaalu itti horannuudha-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Manneen barnootaa dhaabbata dhaloota boru biyya dhaalu itti horannu waan ta’eef, garaagarummaa tokko malee waloon irratti hirmaachuu qabna jechuun Ministirri Ministeeraa Barnootaa Pirofeessar Birhaanuu Naggaan waamicha dhiyeessan.

Mata duree “Barnootaa dhalootaaf” jedhuun sosochiin fooyyessa bu’uuraalee misoomaa Naannoo Somaaleetti har’a eegalchiifameera.

Saganticharratti Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad, Ministira Ministeera Barnootaa Pirofeessar Birhaanuu Naggaa, Hogganaa Biiroo Barnootaa Naannoo Somaalee Abdullaahii Abdii dabalatee qaamoleen qooda fudhattoota damichaa hirmaataniiru.

Pirofeessar Birhaanuun, sosochiin ‘Barnoota dhalootaaf’ hanqina sirna barnootaan umame suphuuf kan kaayyeffateedha jedhan.

Sosochiin eegalames rakkoolee jiran adda baasuun, furmaata akka kennu ibsameera.

Hojiin qulqullina barootaa mirkaneessuus mootummaa qofaan kan hojjetamu utuu hintaane, namni hunduu manneen barnootaa deeggaruu yoo danda’e jijjiirama barbaachisu fiduun akka danda’amu hubachiisaniiru.

Obbo Musxafeen gama isaaniin, jijjiiramaan booda manneen barnootaa sadrakaa jalqabaa eegalee manneen barnootaa hundatti sosochiin babal’isuu fi ijaarsaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa fooyyessuuf, qormaataa hatuu fi waraabuu dhaabuuf hojiilee bal’aan gaggeemuu ibsuu TOI gabaaseera.

Ministeerri brnootaa sosochiin fooyyessa barnootaa taasisaa jirus hojii itti fufuu qabu ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment