Manni amantichaa pirojektoota misoomaa Birrii miiliyoona 118 ifoomse

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC)- Koomishiniin Misoomaa fi Tajaajila Hawaasummaa Waldaa Warra Wangeelaa Makkaana Yesuus, naannolee garaagaraatti pirojektoota misoomaa baasii Birrii miiliyoona 118’n hojjetaman ifoomse.

Naannoo Kibbaa Aanaalee 4tti, Naannoo Sidaamaatti Aanaalee 3ttii fi Naannoo Oromiyaatti waliigaltee pirojektii Taltaallee giddugaleeffate hojii eegalchiisuu gaggeesseera.

Pirojektoonni kunneen ijaarsa nageenyaa, ijaarsa dandeetti dubartootaa fi wabii nyaataa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uu Daayrektarri Olaanaa Koomishinichaa Koomishinii Misoomaa fi Tajaajila Hawaasummaa Waldichaa Obbo Biqilaa Abbayyaa kaasnaiiru.

Koomiishinar Dooktar Abbayyaa Waaqwayyaa gama isaaniin, dhaabbatichi naannolee hundaatti hojjechaa jiraachuu eeruun, sadarkaa biyyaalessaatti pirojektoota 270 ol hojiirraa oolchaa jiraachuu kaasaniiru.

Qaamaa pirojektoota 270 keessa Naannoo Kibbaa fi Sidaamaatti hojiirra oolcuuf waliigalteen mallatteeffamuu eeruun fuulduratti pirojektoonni naannolee birootti hojiirra oolan akka jiran ibsaniiru.

Pirojektichi waggoota sadiif kan hojiirra oolu yoo ta’u, lammiilee hedduu fayyadamtoota akka taasisu ibsameera.

Birhaanuu Bagaashaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment