Manni Amantaa Ortodooksi Tawaayidoo Ityoophiyaa horsiisee bultoota Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)- Manni Amantaa Ortodooksi Tawaayidoo Ityoophiyaa horsiisee bultoota godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiseera.

Sababa roobni Gammoojjii Godina Booranaa keessatti gabaabbateen rakkoon cimaan hawaasa horsiifate bulaarraa qaqqabaa jira.

Manni Amaanticha deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasiseera.

Itti aanaa Mana hojii Ortodooksi Tawaayidoo Ityoophiyaa lubni Balaay Mokkonniin deeggarsichas hawaasa godinichaaf qaqqabsiisuu ragaan kominikeeshinii godina Booranaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment