Manni amantaa Ortodooksi Tawaahdoo Ityoophiyaa bakkeewwan garagaraatti ajjeechaa lammiilee nagaarraa irratti raawwatamu balaaleffate

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Manni amantaa Ortodooksi Tawaahdoo Ityoophiyaa bakkeewwan garagaraatti ajjeechaa lammiilee nagaarraa irratti raawwatamu balaaleffate.

Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas ibsa laataniin, ajjeechaa sukaneessa lamiilee nagaa Godina Wallaga Lixaa aanaa gullisoo, Naannoo Kibbaa Godina Beenchi Shekkoo aannaa Gurra Fardaa akkasumaas naannoo Beenishaangul Gumuuz  Godina Matakkalitti raawwate balaaleffateera.

Sinodosichi walga’ii waggaarra otuu jiru gochicha kan dhaga’e ta’uu ibsuun gochaa ta’eetti hedduu gadduu ibseera.

Manni amantichaa lammiilee lubbuun darbaaniif gadduu ibsuun, maatii isaaniif jajjabina hawweera.

Lammiileen Ityoophiyaa hunduu akka yaada waaqayyootti  hundumatuu addunyaaf keessumoota ta’uu hubachuun, jaalala fi tokkummaan waliif yaaduun lafa waaqayyoo nuuf laatera jaalalaa akka jiraattaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment