Manni Amantaa Kaatoolikii proojektii Birrii miiliyoona 100 ol lammiilee waraanaan miidhamaan fayyadamoo taasisuu ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Manni Amantaa Kaatoolikii Ityoophiyaa proojektii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 35 lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 27 ol waraanaan miidhamaan fayyadamoo taasisuu ifoomseera.

Manni amantichaa proojekti lammiilee naannolee Tigraay, Affaarii fi Oromiyatti sababa waraanaatin miidhamaniif deeggarsa namoomaa fi deebisanii dhaabuuf ooluu guyya har’a ifoomseera.

Barreessaan waliigala mana Amantaa Kaatolikii Ityoophiyaa Dooktar Abbaa Tashoomaa Fiqree, proojekticha ilaalchisee ibsa laataniin, mana amanitichaa hojiiwwan misoomaa fi deeggarsa adda adda hojjetaa turuu ibsaniiru.

Qiddisti Abaataatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment