Manneen waliin jireenyaa carraan dabarfamanii hanga ammaatti itti hin galamne gochaa seeraan alaaf oolaa jiru jedhamuun komii uume

Finfinnee, Sadaasa 3, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Manneen waliin jireenyaa carraan dabarfamanii hanga ammaatti itti hin galamne gochaa seeraan alaaf oolaa jiru jedhamuun madda komii ta’eera.

Faanaa Biroodkaastiing Korporeet dhimmicha qulqulleessuuf yaalii taasiseen, manneen jireenyaa fi daldalaa caalbaasii fi carraan jiraattootaaf dabarfaman, abbaan carraa mana isaatti akka galu irra deddeebiin waamichi taasiifamaa turuu hubateera.

Haaluma kanaan kanneen muraasni itti kan galan yoo ta’u, muraasni ammoo hojii haaromsuu gaggeessaa jiraachuu ragaaleen argaman ni mul’isu.

Yaa ta’uutiin manneen hedduun kaayyoo isaaniin ala bakka kuusaa kosii, oolmaa Loonii, akkasumas gochaa seeraan alaaf oolaa jiraachuu ragaaleen mul’isan miidiyaalee hawaasummaan tatamsa’aa jiru.

Dhimma kana ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu dubbisuun deebii isaanii kan qabannee dhiyaannu ta’a. Nu hordofaa

Yohaannis Darribootiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment