Manneen tapha Jirraa Ispoortii kuma 3 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Manneen tapha Jirraa Ispoortii kuma 3 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalichaa beeksiise.

Qorannoo fi hordoffii gaggeeffamaa ture hordofee manneen tapha Jirraa Ispoortii seera alaa kuma 3 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan ibsaniiru.

Manneen kunneen miidhaa hawaasummaa fi diinagdee qaqqabsiisaa turuu isaanii mirkanaa’uu himaniiru.

Hojii seeraan alaa raawwachuu isaanii erga mirkanaa’ee tarkaanfiin fudhatamuu dhimmicha ilaalchise ibsa miidiyaaleef kennaniin dubbataniiru.

Hojii seera kabachiisuu hojjetameen hanga ammaatti manneen Tapha Jirraa Ispoortii kuma 3 fi 241 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Aadde Liidiyaan kaasaniiru.

Hojiin seera kabachiisuu kun cimee kan itti fufu ta’uu eeruu AMN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment