Manneen Riil Isteetii lammiilee galii gadi aanaa argatan giddugala akka taasisan gafaatame

Finfinnee,Sadaasa, 5 2015,(FBC)- Manneen Riil Isteetiin ijaaraman lammiilee galii olaanaa qaban qofaa osoo hin taane laammilee galii gadi aanaafi  giddugaleessa argatan hirmaachisuu akka qaban ibsame.

Ministeerri  Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa ,dhaabbilee Riil Isteetii,misoomsitootaafi qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Obbo Wandimmuu Seetaa ,Ityoophiyaan waggoottan kurnaan dhufaanitti qabeenya magaalaatiin tarree biyyoota guddatanii keessa tokko akka taatuuf dhiyeessiin mana barbachisaadha jedhan.

Manneen Riil Isteetii lammiilee galii olaanaa qaban qofaa osoo hin taane lammiilee galii gadi aanaafi giddugaleessa argatan ilaalcha keessa galchuu akka qaban ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment