Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)-Manneen Qorichaa, qoricha Dhibee Busaa sadarkaa isaa hineegne ummataaf dhiheessaa turan 156 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa beeksise.
Waltajjiin marii fi hubannoo qooda fudhattootaa cimsuu Magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Daayrektarri Abbaa Taayitichaa Heeraan Garbaa, ji’oottan 3’n darban oomishaalee yeroon itti darbe Birrii miiliyoona 59’tti tilmaamamu dhabamsiisuu himan.
Dhibee Busaan walqabatees Manneen Qorichaa, qoricha sadarkaa isaa hineegne ummataaf dhiheessaa turan 156 irratti tarkaanfiin eeyyama isaanii haquu fudhatamuu ibsaniiru.
Daddabarsa seeraan alaa nyaataa fi qoricha irratti raawwatamu to’achuuf qaamolee seeraa waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachuus himaniiru.
Muktaar Xahaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia