Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) –Waltajjiin muuxxannoo waljijjiiruu Manneen Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi naannoo Sidaamaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.
Kaayyoon waltajjichaas muuxannoo kenniinsa tajaajilaa walii qooduun hawaasni tajaajila seeraa haqa qabeessa ta’e akka argatuuf ta’uu ibsameera.
Waltajjicharratti Preezdantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimalii fi kan naannoo Sidaamaa obbo Damissee Dullachaa dabalatee Abbootiin Alangaa naannoolee lamaanii argamaniiru.
Naannoon lamaanuu Aadaa,Duudhaa fi Dhimmoota Biiroon kan walfakkatan waan ta’eef, kenniinsa tajaajila seeraa gama lamaaniin jiru waljijjiiruun tajaajila haqaa dhaqabamaa ta’ee hawaasaaf laachuuf gargaara jedhame.
Manni Murtii Waliigalaa naannoo Sidaamaa yeroo dhiyoo kan hundaa’e ta’uu isaan kenniinsa tajaajilaa Mana Murtii Oromiyaarraa muuxxannoo fudhachuuf daawwannaa kana gaggeessuu ibsameera.
Amartii Tasfaayyeetu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.