Manneen murtii Oromiyaa Fulbaana 21 eegalee hojii idileetti deebi’u

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Manneen murtii Oromiyaa Fulbaana 21,2013 eegalee hojii isaanii idileedhan ni jalqabu.
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa akka beeksisetti sababii dhibee vaayrasii koroonaa fi boqonnaa abbootii seeraatin manneen murtii gamisaan cufamanii turan Fulbaana 21,2013 irraa jalqabee hojii isaanii idileedhan ni eegalu.
Abbootiin seeraa fi hawaasni manneen murtii naannichaas kana quba qabaachuu beeksiseera.
Dhibee COVID-19 irraa of eegaa, haqaan ummata tajaajiluu fi hojii milkaa’ina qabu hojjechuuf ni tattaaffatamas jedheera manni murtichaa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment