Manneen Murtii Federaalaa Hagayya 1-30tti tajaajila idilee kennuu itti fufu

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Manneen murtii sadarkaa federaalaa Hagayya 1-30’tti tajaajila idilee kennuu akka itti fufan ibsame.

Bu’ura labsiin manneen murtii federaalaa lakkoofsa 1234/13 keeyyaata 38(2)tiin manneen murtii sadarkaa federaalaa Hagayya 1-30tti cufaa akka ta’an raggaasisa.

Yeroo kana keessatti abbootiin murtee yeroo qabanitti dhimmoota hatattamaa qofa keessummeessuu akka qaban labsichaan eerameera.

Galmeewwan bara 2015’tti ce’aan hir’isuuf jecha, galmeewwan xumurarra ga’aniif murtee kennuu, galmeewwan sirreeffamtootaaf dursa kennuuf, fedhii abbootii murteetiin manneen murtii federaalaa Hagayya 1-30, 2014tti tajaajila idilee kennuu itti fufu jedhameera.

Abbootiin murtees yeroo boqonnaa isaaniitti tajaajluuf fedhii waan argisiisaniif, abbootiin dhimmaas haaluma eerameen tajaajila argachuu akka danda’aan Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa beeksisuu ragaan mana murtichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment