Manneen Murtii Federaalaa guyyoota hojii 22f walakkaan cufamanii kan turan ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) –Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf manneen murtii federaalaa dabalataan guyyoota 22f walakkaan cufamanii kan turan ta’uu Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa beeksise.
Manneen Murtii Federaalaa Bitooteessa 10 – Eebila 30, 2012tti dhimmoota murtee ariifachiisaa fi ajaja barbaadan qofa dhadhacha dabareen tajaajila akka laatan murtaa’uun isaa kan yaadatamuudha.
 
Haaluma kanaan abbootiin murtii Federaalaa dabareen tajaajila dhadhachaa laata kan turan yoo ta’u, hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessan argameera jedhame.
 
Yeroo ammaatis dhimmoota labsii yeroo ariifachiisaa waliin walqabatanii dhiyaatanirratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Manneen murtii federaalaa marsaa 3ffaaf Caamsaa 3, 2012 eegalee hanga caamsaa 30, 2012 guyyoota hojii 22f walakkaan cufamani akka turan Manni Murtii Maliigalaa murteessuu isaa himameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment