Manneen Murtii Aadaa baasii abbootii dhimmaa Birrii biiliyoona 2 ol hambisuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC) – Manneen Murtii Aadaan dhimmoonni furaman baasii Birrii biliyoona 2 ol hambisuu Manni Murtii Waliigalaa Ooromiyaa ibseera.

Bara baajataa 2016tti sadarkaa manneen murtii sadanitti galmee kuma 586 fi 317 dhiyaate keessaa galmeen kumni 566 fi 301 furmaata argachuu Pireezidaantiin Mana Murtii waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simal ibsan.

Obbo Gaazaalii Abbaa Simal Yaa’ii idilee 7ffaa waggaa 3ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaarratti gabaasa raawwii hojii dhiyeessaniiru.

Manneen murtii Aadaa jalqabaa kuma 6 fi 505 hundeeffaman jalatti dhimmootni garaagaraa furmaata argachuu kaasaniiru.

Manneen Murtii Aadaatti dhimmoota dhiyaatan kuma 452 fi 620 keessaa kumni 400 fi 624 furmaata argachuu dubbataniiru.

Manneen Murtii Aadaa hundaa’uun Aadaafi duudhaa ummataa deebisuurra darbee dhimmoota karaa mana murtii idileen furmaata dhaban irratti furmaata kennuun baasii abbootii dhimmaa Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 36 ol hambisuu ibsaniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment