Manneen Maree Ummataa ijaarsa sirnaa keessatti gumaacha olaanaa qabu-Obbo Eliyaas Ummataa

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)- Manneen Maree Ummataa ijaarsa sirnaa keessatti gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu Afyaa’ii Itti Aanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa dubbatan.

Leenjiin Afyaa’ota Manneen Maree Aanaalee fi Magaalota Oromiyaa 200’f kennamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Afyaa’iin Caffee oromiyaa obbo Eliyaas Ummataa, Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu qabu jedhan.

Bakka bu’oonni ummataas utubaa ijaarsaa sirnaa ta’uu kaasanii, ergama Heeraa fi Ummataa jiru hubachuun gahee ijaarsa sirnaa fi biyyaa keessatti qabnu adda durummaan bahachuu qabnas jedhaniiru.

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa, sirna ummata ceessisuu ijaaruu keessatti gaheesaa bahachaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuunivarsitichaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa ibsaniiru.

Hojiilee sirna ijaaruu fi dimookiraasii dagaagsuuf hojjetamaa jiru milkeessuu keessatti qaamni murteessaa fi gahee olaanaa qabu qaama seera baaftuu fi Manneen Maree Ummataa sadarkaan jirani ta’uu himaniiru.

Caffeen Oromiyaa seerota, imaammataa fi tarsiimoowwan naannicha keessatti jijjiirama qabatamaa mnirkaneessan baasuun hojiirra oolchaa jiruuf leenjiiwwan hubannoo gabbisan kennuun barbaachisaadha jedhuu Ragaan Caffee oromiyaarraa argame n imul’isa.

Leenjichi, mata duree “Dhaabbileen Dimokiraasii Mootummaa Cimaa Ijaaruu Keessatti Gahee Qaban” jedhuun kennamaa kan jiru yoo ta’u guyyoota lamaaf tura jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment