Manneen hojii naannoo Oromiyaa adda waraanaa Wallootti kan argamaniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)- Manneen hojii naannoo Oromiyaa adda waraanaa Wallootti kan argamaniif deeggarsa sangoota 135 fi hoolota 42 taasisaniiru.

Hojjeettoonni mootummaa naannoo Oromiyaa miindaasaanii baatii tokkoo laachuu fi kutaa hawaasa biroon deeggarsa sangoota 135 fi hoolota 42 raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa fi milishaaf taasisaniiru.

Deeggarsichaa kan laataan gorsaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Amiin Juundii deeggarsichi hanga gareen shororkeessaa ABUT  barbadeeffamutti itti fufaa jedhaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT uummattoota naannolee Amaaraa fi Oromoo diiguuf hojjetuus obboloonni lamaan diinaa waliiniisaanii yeroo gababaa keessaatti ni barbadeessuu jedhaniiru.

Akka gabaasa EBCtti naannoon Oromiyaa hanga ammatti deeggarsa maallaqaa fi kanneen biroo Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 63 ta’uu taasiseera.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment