Manneen Hojii Ministeerotaa Ayyaana Qillee sababeeffachuun maaddii qoodan

Finfinnee, Mudde 28, 2016 (FBC)-Manneen hojii ministeerotaa garaagaraa fi dhaabbileen waamamtootaa Ayyaana Qillee sababeeffachuun harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.

Ministeerri Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa ayyaanichaa sababeeffachuun harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.

Saganticharratti Ministirri Ministeerichaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen, mootummaan fedhiiwwan bu’uuraa lammiilee guutuuf tattaaffii taasisuun wayita aayyaanaatti aadaan waldeeggaruu cimuu qaba jedhan.

Haaluma walfakkaatuun Ministeerrii Fayyaa fi dhaabbileen waamamtootaa Birrii miiliyoona 1.2 oliin Giddugalaa Deeggarsa DhibamtootaaSammuu fi Maanguddoota Meqedooniyaaf maaddii qoodaniiru.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, manni hojii isaanii baasii Birri miiliyoona 1.2’n maaddii qooduu ibsanii, dabalataan deeggarsa firaashii, meeshaalee eeggannoo qulqullinaa, qorichaalee fi kanneen biroo taasisuu ibsan.

Giddugalichaaf kanaan duras qorichaalee, ambulaansii fi deeggarsi biroon taasifamuu yaadachiisanii, fuuldurattis deeggarsi taasisaan cimee kan itti fufu ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment