Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Proojektii Ifaa Boruun ijaarramaa turan 44 xummuramuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC) – Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa proojektii Ifa Boruutiin ijaaramaa jiran keessaa ijaarsi manneen barnootaa 44 xumuramuu Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa ibsaniiru.

Manneen barnootaa kunneen marsaa jalqabaatiin eebbaaf qopha’uu himaniiru.

Manneen barnootaa Ifa Boruu ijaarsa irra jiran ( Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 dabalatee) yeroo gabaabaa keessatti xumuramanii eebba marsaa 2ffaa kan qophaa’an ta’uu eeraniiru.

Manneen barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa marsaa duraan Ijaarsi isaanii xumuramee eebbaaf qophaa’anis:-

1.Ifa Boruu Roobee lakk 2

2.Ifa Boruu Malkaa Soddaa

  1. Ifa Boruu Sabbataa Hawaas

4.Ifa Boruu Miyoo Meelbanaa

5.Ifa Boruu Dugda Daawwaa

6.Ifa Boruu Sulultaa Gullallee Dannabaa

7.Ifa Boruu Holataa Walmaraa

  1. Ifa Boruu Sulultaa Malkaa Hayyuu
  2. Ifa Boruu Asallaa
  3. Ifa Boruu Yaayyoo Odaa Doggii
  4. Ifa Boruu Walmaraa
  5. Ifa Boruu Sulultaa Laga dabboo
  6. Ifa Boruu Adaabbaa
  7. Ifa Boruu Dugdaa
  8. Ifa Boruu Mana Sibuu
  9. Ifa Boruu Yaaballoo
  10. Ifa Boruu Mataahaaraa
  11. Ifa Boruu Gooroo
  12. Ifa Boruu Guutoo Giddaa
  13. Ifa Boruu Walisoo
  14. Ifa Boruu Amuruu
  15. Ifa Boruu Sadan Caanqaa
  16. Ifa Boruu Sooddoo Daacii
  17. Ifa Boruu Gaara Botoraa
  18. Ifa Boruu Jaadragaa Jaartee
  19. Ifa Boruu Moojoo
  20. Ifa Boruu Laga Xaafoo lakk. 1
  21. Ifa Boruu Laga Xaafoo lakk 2
  22. Ifa Boruu Dhidheessaa
  23. Ifa Boruu Holataa lakk.1
  24. Ifa Boruu Galaan
  25. Ifa Boruu Sabbataa Dimaa
  26. Ifa Boruu Adaamaa lakk 1
  27. Ifa Boruu Saxxamaa
  28. Ifa Boruu Gimbichuu
  29. Ifa Boruu Annaa Sorraa
  30. Ifa Boruu roobee lakk 1
  31. Ifa Boruu Baloo
  32. Ifa Boruu Daawwaa
  33. Ifa Boruu Baabbilee
  34. Ifa Boruu Horroo
  35. Ifa Boruu Baatuu
  36. Ifa Boruu Adaamaa lakk 2
  37. Ifa Boruu Naqamtee jedhaman ijaarsi isaanii xummuramuun eebbaaf qopha’uu obbo Addisuun ibsaniiru.

Obbo Addisuun Kontiraaktaroota, gorsitoota, hoggansa barnootaa fi qooda fudhatoota ijaarsa manneen barnootaa kanneenii keessatti qooda qaban hunda barreeffama Fuula Feesbuukii isaaniirratti barreessaniin galateeffataniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment