Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee dubartootaa fi qaama miidhamtootaf mijataa taasisuuf hojjetama jira

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Dubartoota manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti barataniif haala meeshaalee qulqullina isaanii ittiin eeggatan mijeessuun danda’amu irratti mari’atame.

Bulchiinsi magaalichaa meeshaalee barattoonni dubartootaa qulqullina isaanii ittiin eeggatan gatii madaalawaa fi deeggarsaan dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu itti aanaan kantiibaa magaalichaa Injiinar Taakkalaa Uumaan beeksisaniiru.

Dubartoonni sababa rakkoo quqlqullinaan harcaatii barattootaa fi barnoota adda kutuuf akka hin dirqamnee fi hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojii hojjetamudha jedhameera.

Meeshaalee dhiyeessuu cinaatti dubartootaa fi kutaa hawaasaa garaa garaaf marsaa laguu irratti hojiin hubannoo uumuu kan hojjetamu ta’uu ragaan Waajjira Kaantibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment