Manneen barnootaa kuma 34f bishaan itti fufiinsaan dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Manneen barnootaa kuma 34f bishaan itti fufiinsaan dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
 
Ministirri Ministeera Barnoota Dooktar Geetahuun Makuriyaan raawwii hojii dhabbiilee barnootaa baatii 3 ilaalchisuun ibsa laataniiru.
 
Waliigala manneen barnootaa kumni 34 hanqina dhiyeessii bishaanii kan qaban ta’uu eeruun, rakkicha furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
 
Yuunvarsiitii Finfinnee waliin ta’uun manneen barnootaa kuma 3 keessatti qorannoon boolla gadi fagoo gaggeeffamuu himaniiru.
 
Haala qabatamaa manneen barnootaa kanneenii irratti hundaa’uun rakkoo dhiyeessii bishaanii furuuf itti fufiinsaan ni hojjetama jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment